Nyaanni loonii ongee damdamachuu dandeessisu meetiriik toonii kuma 204 0l Godina Booranaa Bahaatti qophaa’aa jira

Fulbaana 20/2016(TOI) – Ongee irra deddeebi’uun godina Booranaa Bahaatti mudatu damdamachuuf dandeessisu nyaanni loonii meetiriik toonii kuma 204 0l qophaa’aa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Waggaa kana qofa lafti dheedichaa heektaara kuma 116 ol tuttuqaarraa kan dhorkame yemmuu ta’u lafa kanarraa nyaanni loonii meetiriik toonii kuma 204 fi 870 qophaa’aa akka jiru eerameera.

Ongee waggoota darban mudatan ittisuuf nyaata loonii dhiheessuun ittisuuf yaalanus hunda bira gahuun akka hindanda’anbe ibsaniiru.

Marga dabalatee laggeenii fi burqaawwan ongeen waan goganiif loonirra miidhaan qaqqabuusaa yaadachiisaniiru.

Aanaalee 8 rakkoon kun itti cimetti bona kanaaf lafti heektaara kuma 116 fi 678 hirmaannaa yummataan tuttuqaarraa bilisa taasifameera..

Misoomni marga loonii kun loon kuma 325 ta’an akka fayyadu ibsameera.

Waajjirichatti dursaan garee qabeenya uumamaa obbo Aliyyii Arabaa gamasaaniin hojiileen misooma sululaa fi ashaaraa magariisaa ongee ittisuuf godinichatti jalqabaman cimanii itti fufu jedhaniiru.

Rakkoo kana furuuf waggaa darbe ummanni kuma 80 ol ta’u kallattiin hojii eegumss biyyoo fi bishaaniirratti hirmaachuusaa yaadachiisaniiru

Godiniochatti jiraataan aanaa Areeroo ganda Mataa Gafarsaa obbo Waaqgaarii Waaqshiimaa jiraattota naannawasaa waliin ta’uun Lafa dheedichaa akka dalleessan ibsaniiru.

Lafa naannawasaaniirratti tuttuqaarraa bilisa ta’erraa marga baatii bonaaf oolu hidhaa kuma 8 fi 500 ol sassaabuusaanii eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015