Damee Tuurizimii bu’ura misooma dinagdee biyyaa gochuuf hojjetamaa jira-Inistiitiyuutii leenjii Tuurizimii

Fulbaana 20/2016 (TOI)- Damee Tuurizimii Itiyoophiyaa bu’ura misooma dinagdee biyyaa gochuuf hojjetamaa akka jiru Inistiitiyuutii leenjii Tuurizimii beeksise.

Tuurizimiin beekumsa biyya keessaa onnachiisuun hojmaata sirna haaraaf qooda akka qabu ministeerri hojii fi ogummaa ibseera.

Guyyaan Tuurizimii akka addunyaatti yeroo 44ffaa akka biyya keenyaatti ammoo yeroo 36ffaaf mata duree “Tuuriizimii fi Invastimantii magariisaa” jedhuun godina Silxee magaalaa Waraabeetti sagantaa addaddaatiin raawwatamaa jira.

Hooggantoota olaanoo ministeera hojii fi ogummaa dabalatee hooggantoonni naannoo fi godinaa Sagantaa Inistiitiyuutiin leenjii Tuurizimii godina Silxee waliin   ta’uun qopheessanirratti argamaniiru.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii leenjii Tuurizimii Geetaachoo Nagaash, dame Tuurizimii bu’ura misooma dinagdee biyyaa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Mootummaan xiyyeeffannoo addaa guddinaa fi fayyadama  damee Tuurizimiif kennee hojiin jalqabamuu eeranii, qabeenya jiru fayyadamuuf fuuldura baay’ee hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

De’eetaan ministiraa hojii fiogummaa doktar Tashaalee Bareechaa, Itiyoophiyaan qabeenya hawatoo uumamaa fi namtolchee qabaattus hojiira oolmaarratti hanqinni akka jiru eeraniiru.

Amma garuu iddoowwan Tuurizimii imaammata barnootaa fi leenjii keessa galfamanii qabeenya biyyaa fi dinagdee kan deeggaran fi dame carraa hojii uumu gochuun hojiileen addaddaa hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Bulchaan godina Silxee Alii Kadir, hambaaleen hedduun, iddoowwan seena qabeessaa fi iddoowwan tuurizimii hawatoo godinicha keessa jiraatanis amma ammaatti faayidaan kana jedhamu irraa hin argamne jedhan.

Fooyyessi dinagdee biyya keessaa taasifamuusaatiin dameen Tuurizimii dadammaqaqa fi bu’aan irraa argamaa jira jedhan.

Godinichatti kan argaman Gaara Mugoo, Haroon Abbayyaa Xufaa, Masjiidni Haajii Aliyyee fi hawattoota Tuurizimii kanneen biroo adda baasuun daawwattootaaf mijataa taasisuun danda’ameera jedh.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015