Godina Iluu Abbaabooritti Barattoota kuma 22 oliif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifameef - ENA Afaan Oromoo
Godina Iluu Abbaabooritti Barattoota kuma 22 oliif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifameef

Fulbaana 20/2016 (TOI)_ Godina Iluu Abbaabooritti sababa harka qalleeyyummaan barattoonni mana barumsaarraa akka hin hafne Barattoota kuma 22 oliif deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifameef.
Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godinichaa obbo Geetaachoo Abdiisaa TOI’f akka ibsanitti, sababa harka qalleeyyummaan barattoonni barumsarraa akka hinhafne yaaliiwwan addaddaa taasifamaa jiru.
Tajaajila tola ooltummaa gannaatiin meeshaan barnootaa qaamolee addaddaarraa sassaabameen walumaa gala barattoota kuma 22 oliif deeggarsi taasifameera.
Hojjettoonni mootummaa, dhaabbileen akkasumas kutaaleen hawaasaa addaddaa hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaachuunsaanii eeraniiru.
Barattoota deeggarsa argatan keessaa barataa kutaa 12ffaa Tamasgeen Tafarraa deeggarsa taasifameef galateeffatee, barunsasaarratti akka xiyyeeffatu akka isa taasisu ibseera.
Barataa Abrahaam Mirreessaa gamasaatiin, meeshaan barnootaa isaaf guutamuusaatiin yaaddoo malee akkuma hiriyyootasaa barumsasaa jalqabuusaa ibseera.
Naannoo Oromiyaatti deeggarsi meeshaalee barnootaa birrii biiliyoona 1 tuqaa 9 olitti tilmaamamu barattoota maatiin harka qalleeyyiif taasisuusaa biiroon dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa torbee darbee beeksisee ture.
Ittigaafatamtuun itti aantuu biiroo dhimmoota dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa adde Samiiraa Faariis TOI’f akka ibsanitti, daa’imman umuriinsaanii barnootaaf gahee fi barattoota kutaa hawaasaa harka qalleeyyiif deeggarsi meeshaa barnootaa taasifameeraaf.
Barattoonni miiliyoona 2 ol deeggarsa meeshaa barnootaa addaddaa argachuusaaniiru.