Bulchiinsi magaalaa Finfinnee mannee tajaajila tola ooltummaa gannaan jalqabsiise 203 jiraattotaaf dabarse - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee mannee tajaajila tola ooltummaa gannaan jalqabsiise 203 jiraattotaaf dabarse
Fulbaana 20/2016(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee mannee tajaajila tola ooltummaa gannaan jalqabsiise 203 jiraattotaaf dabarseera.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee Manneen kanneen ilaalchisuun fuula marsariitiisaaniirratti akka barreessanitti ijaarsi manneenii ganna jalqamame xumuramee har’a jiraattota 203’f kennameera
Kan har’aa dabalatee dureeyyii, dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa akkasumas hojjettoota mootummaa qindeessuun walumaa gala mannee ijaarsifne kuma 1 fi 889 waggaa tokkoo asitti jiraattotaaf dabarsineerra jechuun ibsaniiru.
Akkasumas hooggantoonni, dureeyyiin, dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa akkasumas hojjettoota hojii kanarratti ashaaraasaanii kaa’an maqaa jiraattotaatiin galateeffataniiru.