Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Finfinnee Manneen Jireenyaa Ijaarsise Fayyadamtootaaf kenne - ENA Afaan Oromoo
Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Finfinnee Manneen Jireenyaa Ijaarsise Fayyadamtootaaf kenne

Fulbaana 20 /2016(TOI)- Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa Finfinnee Manneen Jireenyaa Kutaa Magaalaa Gullalleetti Ijaarsise Fayyadamtootaaf kenne.
Kantiibaa magaalaa Finfinnee bakka bu’uun kan argaman komishinariin komishinii qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa Abrahaam Taaddasaa, mana jireenyaa kana dadhabootaaf oolmaa biyyaaf oolaniif kennaniiru.
Manneen abbootii warraa 14’f har’a fayyadamtootaaf kennaman diigamanii haaraa kan ijaaraman akka ta’e beekameera.
Abbaan taayitaa bishaanii fi dhangala’aa Finfinnee ijaarsa kanaaf tola ooltota qindeessuun birrii miiliyoona 31 ol baasii taasisuunsaa ibsameera.
Guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa addaddaa keessatti walumaa gala manneen jireenyaa 203 dadhabootaa fi kannee biyyaaf oolmaa olaniif kennamuun beekameera.