Jilli qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa Indaastirii Uffataa Adaamaa daawwate

Fulbaana 19/2016 (TOI)– Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Biyyaa doktar Abirahaam Balaayii fi Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Indaastirii Uffaataa Adaamaa daawwateera. 

Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaatti Indaastiriin Uffataa Adaamaa, bara 1980 kan hundaa’e yoo ta’u, uffannaalee Raayyaa Ittisaafi qabannoowwaan hidhannoo qopheessuun muxannoo yeroo dheeraa kan horate ta’uun ibsameera. 

Indaastirichi yeroo ammaa uffannaalee Raayyaa Ittisaa fi qaamolee nageenyaa, asxaawwan gulantaafi hidhannoowwan oomishaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyarraa argame ni mul’isa. 

Sadarkaa teeknooloojii Indaastirichaa amma irraa ga'ee fi kallattii guddina fuuldureerratti ibsi kan kenname yoo ta’u, adeemsi oomisha indaastirichaas jilichaan daawwatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015