Raayyichi aantummaa uummataaf qabu cimsee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Raayyichi aantummaa uummataaf qabu cimsee itti fufa

Fulbaana 19 /2016(TOI) - Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya biyyaa eeguun cinaatti kanneen humna hin qabne deeggaruun aantummaa uummataaf qabu cimsee kan itti fufu Iizii kaaba bahaatti ajajaa kumaalaa furgaatu koorii 801ffaa kumaalaa Daggisawu Dooshaa beeksisan.
Raayyichi magaalaa Daseetti bartoota deeggarsa barbaadaniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.
Kumaalaa Daggisawu yeroo kana akka himanitti Raayyaan Ittisa biyyaa nageenyaa biyyaafi uummataa eeguuf aarsaa kamiyyuu kanfalaa jira.
Dabalataan miindaa isaarra hir'isee lammilee harka qalleeyyiif deeggarsa hunda galeessa taasisu cimsee itti fufaa jira jedhaniiru.
Har'a magaalaa Daseetti bartoota maatiin isaanii harka qalleeyyii ta'an 60 barruleefi koppee deeggarsa taasisuu himanii, kanaan duras Walloo Kibbaatti baratoota 150'f deeggasa walfakkataa taasisuu himaniiru.
Uummannis nageenyi waaraan akka jiraatuuf deeggarsa raayyichaaf taasisu cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.