Baatiiwwan shanan darban gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol sirna kafaltii elektirooniksiin raawwatameera-abbaa taayitaa boba’aan enarjii

Fulbaana 19/2016(TOI)-Baatiiwwan shanan darban gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol sirna kafaltii elektirooniksiin raawwatamuusaa abbaan taayitaa boba’aa fi Inarjii beeksise.

Gurgurtaan boba’aa elektirooniksii  hojiirra ooluunsaa qisaasa boba’aa fi hanna wayitii gurgurtaa mul’atu hir’isuun dhiheessii fi raabsii boba’aa fooyyessuusaa abbaan taayitichaa TOI’f ibseera.

Abbaa taayitichatti daarektarri raabsii fi hordoffii boba’aa obbo Dheeressaa Koottuu, dhiheessii firaabsiin boba’aa biyyattii kan Kanaan dura turerra fooyya’aa akka ta’e dubbataniiru.

Abbaan taayitichaa boba’aa kontirobaandiin biyya alaatti bahuu danda’u ittisuuf raabsii boba’aa buufata Jibutii irraa kaasee amma raabsiitti jiru teeknooloojii dijitaalaa horoffii fi to’annaa taasisu walakkaan hojiirra oolchuusaa himaniiru.

Itti dabaluunis Ebla 15 bara 2015 irraa kaasee amma odeeffannoon kun qindaa’etti sirna kafaltii elektirooniiksiin gurgurtaan boba’aa birrii biiliyoona 98 ol raawwatamuu ibsaniiru.

Birrii biiliyoona 75 ol kan ta’u fayyadamtoota deeggarsaan kan raawwatame ta’uu kaasanii, gurgurtaan birrii biiliyoona 23 ol kan ta’u abbootii konkolaataa dhuunfaa deeggarsaan ala ta’aniin kan raawwatamedha jedhan.

Sirni gurgurtaa kun hojiirra ooluunsaa kuusaa fi humna boba’aa buufata raabsii beekuun qisaasa, hannaa fi bu’aa bayii hir’isuun danda’ameera jedhan.

Buufataalee raabsii sirna dijitaalaa guutummaatti hojiirra hin oolchine dhaabbilee mootummaa dhimmi ilaalu waliin ta’uun tarkaanfii akka fudhatu abbaan taayitichaa dinniineera.

Kanaaf abbootiin buufata raabsii hundi sirna kafaltii boba’aa elektirooniksii hojeessuun seeraan akka bulan hubachiiseera.

Sirni gurgurtaa boba’aa elektirooniksii Baatii Eblaa bara 2015 irraa kaasee karaa teelee birrii fi filannoowwan kafaltii biroon hojeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015