Kolleejiin mahaandisummaa loltummaa leenjifamtoota hooggansa mahaandisa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan leenjise eebbisiise - ENA Afaan Oromoo
Kolleejiin mahaandisummaa loltummaa leenjifamtoota hooggansa mahaandisa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan leenjise eebbisiise

Fulbaana 19/2016(TOI)- Qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjiitti Kolleejiin mahaandisummaa loltummaa leenjifamtoota hooggansa mahaandisa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan leenjise eebbisiise.
Ajajaan olaanaa kolleejii mahaandisummaa loltummaa koloneel Kitaabaa Hinsarmuu wayita kana akka jedhanitti, kolleejichi damdeettii raawwachiisummaa raayyaa guddisuuf hojjechaa jira.
Leenjifamtoonni ogummaa sochii loltuu cimsuu fi sochii diinaa ittisuuf isaan dandeessisu argachuusaanii dubbataniiru.
Eebbifamtoonni hooggansa mahaandisummaa loltummaa fi ogummaa bu’uraa mahaandisa loltummaan kan leenji’an ta’uu ibsaniiru.
Leenjifamtoonni turtii baatii afuriin leenjii kutaa keessaa fi gochaan kenname hordofuusaanii ibsaniiru.
Ittigaafatamaan qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii raayyaa ittisaa letenaal Jeneraal Yimar Mokonnon, eebbifamtootaan baga gammaddan jedhaniiru.
Leenjifamtoonnis leenjii argataniin tokkummaa fi birmadummaa biyyaa akkasumas nageenya ummattootaa eeguun ittigaafatama kennameef bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii Ittisaatti kolleejiin Mahaandisummaa loltummaa bara 1934 kan hundeeffame yemmuu ta’u, dameelee barnootaa shaniin leenjii addaddaa nikenna.