Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuun barana nijalqabama - ENA Afaan Oromoo
Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuun barana nijalqabama

Fulbaana 19/2016(TOI)-Hora Arsadee ayyaanni Irreechaa itti kabajamu Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuun barana akka jalqabamu bulchiinsi magaalaa Bishooftuu beeksise.
Kantiibaan itti aanaa bulchiinsa magaalichaa Gazzaaheny Dajanee TOI’ f akka ibsanitti Haroo Hora Arsadee qabeyyeesaa seenaa fi aadaa eeguun misoomsuuf qophiin taasifamaa jira.
Hojiin kun waggaa lama keessatti kan xumuramu ta’uu eeranii, barana bajanni birrii miiliyoona 150 qabameeraaf jedhan.
Pirojektichi Haroo Arsadee daawwattoonni biyya keessaa fi biyya alaa waggaa guutuu kan itti bashannananii fi naannawa Haroo kana caalaatti hawataa taasisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Hojiin bu’uura misooma, hojiin miidhagsuu fi hojiiwwan biroo kan hojjetaman ta’uu kantiibaa itti aanaan kun himaniiru.
Diizaayiniin pirojektichaa xumuramaa akka jiru eeranii, pirojektiin misoomaa kun uumama naannawaa waliin kan walsimuu fi haroo kana eeguuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Kun ammoo daawwattoonni magaalicha dhufan akka dabalan fi galiin damee kanarraa argamu guddisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.