Yaa’iin Guutuu Afriikaa misooma humna namaarratti xiyyeeffate torbe dhufu Finfinneetti taa’ama

Fulbaana 19/2016(TOI) – Yaa’iin misooma humna namaa Afriikaarratti xiyyeeffate Fulbaana 21 fi 22/2016 Finfinneetti akka taa’amu ministeerri hojii fi dandeettii beeksise.

Ministeerichi yaa’ii kana dhaabbata tumsa misoomaa idil addunyaa Jarman(GIZ) akkasumsa dhaabbilee ‘Ayi kaappitaal’ fi Asooseeshiin foor talent develoopimant’ jedhaman waliin qopheessuusaa eereera.

Ministeera hojii fi dandeettiitti de’eetaan ministiraa damee teekniikaa fi ogummaa TOI’f akka ibsanitti, qaamoleen mootummaa, dhuunfaa fi dhimmi ilaallatu biroon kanneen misooma namaarratti hojjetan haala hojmaata qindaa’aa damee kanarratti qaban cimsuun haala danda’amurratti nimari’atu.

Waltajjichi Sadarkaa gabaan idil addunyaa hojii fi dandeettii amma irra gahe ilaalchisuun muuxannoo waljijjiiruuf kan dandeessisu ta’uusaa dubbataniiru.

Waltajjichi hanqinoota gama hojii uumuun jiraniif furmaata kennuuf akkasumas walitti hidhamiinsa dhaabbilee Industirii fi barnootaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu eeraniiru.

Yaadonni yaa’ii kanarratti leenjii humna namaa dabalatee hpjiilee jijjiiramaa jalqabamanii fi fooyyessa imaammataa fuulduraaf humna dabalataa akka ta’an de’eetaan ministiraa kun himaniiru.

Keessumaa hojiilee bobbaatii biyya alaaf galteewwan deeggaraa ta’an argachuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Barreeffamoonni qorannoo fedhii fi dhiheessii hojii, cehumsa barumsarraa hojiitti, carraa fi qormaata dijitaalaayizeeshiniin hojii fi dandeettiif qabu, walitti hidhamiinsa dhaabbilee Industirii fi barnootaa, misooma humna namaatti  qooda damee dhuunfaa fi haala hojii idil addunyaarratti xiyyeeffatan akka dhihaatan himaniiru.

Qorattoonnii fi ogeessonni damichaa biyyoota Afriikaa fi kanneen biroo, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii fi dhaabbi;ee isa jala jiran dabalatee bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa addaddaa, qaamolee deeggartootaa fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon ni’argamu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015