Gatii boba'aarratti sirreeffamni taasifame - ENA Afaan Oromoo
Gatii boba'aarratti sirreeffamni taasifame

Fulbaana 18/2016(TOI) - Gurgurtaa qinxaaboo omishaalee boba'aarratti sirreeffamni gatii taasifamuu Ministeerri Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaa beeksise.
Sirreeffamni kun Fulbaana 18/ 2016 halkan sa'aatii 6:00 irraa eegalee Finfinneetti hojiirra kan oolu ta'uu ibseera.
Haaluma kanaan gatiin beenzila liitirri tokkoo qarshii 77.65, naafxaa adiin qarshii 79.75, gaasii adiin qarshii 76.75, boba'aa xiyyaaraa qarshii 70.83, naafxaa gurraacha salphaa qarshii 62.36fi naafxaa gurraacha ulfaataan liitirri tokko qarshii 61.83 ta'uu beeksiseera.