Godina Harargee bahaatti birrii biliyoona 3 oliin manneen barnootaaf bu'uuraaleen misoomaa guutamaniif tajaajilaaf gahan.

Fulbaana 18 /2016 (TOI) -Godina Harargee bahaatti birrii biliyoona 3 oliin ijaarsa manneen barnootaa barnoota idileen duraa dabalatee manneen barnoota biroof bu'uuraaleen misoomaa guutamaniif tajaajilaaf gahuu Waajjirri Barnoota godinichaa beeksise.

Hojiin kunis kan hojjetame Mootummaafi hirmaannaa uummataan ta'uu waajjirichi beeksiseera.

Hogganaan Waajjirichaa obbo Alamaayyoo Tamuu TOItti akka himanitti waqtii gannaa keessaa bu'uuraalee misooma barnootaafi galteewwaan biroo mana barnootaaf guutuun hojiin baruufi barsiisuu jalqabameera jedhaniiru.

Kanneen keessaas godinichatti aanaalee hundaafi bulchisa magaalaatti ijaarsi manneen barnootaa barnoota idileen duraa 195 manneen jireenyaa barsiisootaa 372 akka keessatti argataman eeraniiru.

Dabalataan hojiin manneen kitaabaa qindeessuu, bartootaaf nyaata dhiheessuufi galteewwan mana barnootaaf barbaachisan biroo guutuu dabalatee baasii birrii biliyoona 3 ol taasisuu himaniiru.

Keessayyuu ijaarsi manneen barnootaa raawwatame daa'imman naannawwaa isaaniirra osoo hin fagaatiin barnoota isaanii akka hordofan akkasuma barsiisoonni hojii baruufi barsiisuu isaanii akka raawwatan kan dandeesisudha jedhaniiru.

Godinichatti bara kana manneen barnootaa kuma 2fi 700tti  baratoonni miliyoona 1.2 barnoota isaanii barachuu jalqabuu obbo Alamaayyoon beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015