Lammiilee naannoo Gaambeellaatti sababa lolaatiin buqqa’aniif deeggarsi taasifame

Fulbaana 18 /2016(TOI)- Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa lammiilee naannoo Gaambeellaatti sababa lolaa jidduu kana mudateen buqqa’aniif deeggara meeshaalee birrii miiliyoona 3 olitti tlmaamamu taasisuusaa beeksise.

Waldichatti itti gaafatamaan waajjira damee Gaambeellaa obbo Cheenkoot Deeviid, waldichi magaalaa gaambeellaa dabalatee aanaalee shanitti dadhaboota dabalatee abbaa warraa fi haadha warraa miidhaan guddaa mudate 475’f deeggarsi kennamuu ibsameera.

Deeggarsi taasifame uffata qorraa, pilaastikii bokkaa, Jarikaana bishaanii fi wantoota qulqullinaaf oolan akka ta’an eeraniiru.

Kanaan duras deeggarsi birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu abbaa fi haadha warraa 725’f kennamuu yaadatanii, waldichi deeggarsa namoomaa cimsee akka itti fufu ibsaniiru.

Pirezidaantiin naannichaa Umod Umod, waldichi kanneen balaa uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif dafee qaqqabuun deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Lammiilee sababa lolaatiin buqqa’aniif deeggarsi taasifamu dhaabbilee birootiinis

Cimuu akka qabu dubbataniiru.

Jiraataa magaalaa Gaambeellaa kan ta’an obbo Piiter Utaatii rakkoo uumameen mannisaanii diigamee rakkoof saaxilamuusaanii ibsaniiru.

Deegarsi waldichi taasiseen rakkoonsaanii amma tokko furamuu eeranii, deegarischaafis galateeffataniiru.

Adde Tawaabech Birhaanuu gamasaaniin, lagni Baaroo guutee dambali’uusaatiin manaa fi qabeenyasaaniirra miidhaa geessisuu dubbatan.

Deeggarsi waldaa fannoo diimaan jalqabame dhaabbilee biroonis akka itti fufu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015