Yuuneeniin Waladaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Yirgaa Caffee baratoota kuma 45 meeshalee barnoota deeggarsa taasise. - ENA Afaan Oromoo
Yuuneeniin Waladaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Yirgaa Caffee baratoota kuma 45 meeshalee barnoota deeggarsa taasise.

Yuuneeniin Waladaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Yirgaa Caffee baratoota kuma 45 meeshalee barnoota deeggarsa taasise.
Fulbaana 18/2016 (TOI) - Yuuneeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bunaa Yirgaa caffee Birrii miiliyoona 11 ol baasuun barattoota deeggarsa barbaadan kuma 45 ol ta’aniif meeshaalee barnootaa deeggaruu beeksise.
Yuuniyeenichi godinichatti barataan tokkoyyuu sababa hanqina meeshalee barnootaan barnoota isaarra akka hin hafne taasisuuf hojii hojjetamuu keessaatti qooda isaa bahuun itti gaafatamummaa hawaasummaa qabu bahachaa jira jedhaniiru.
Itti gaafatmaan Yuunenichaa kan damee Dillaa obbo Kiflee Ayyalee; deeggarsi kun karaa miseenstoota waldaalee hojii gamtaa 28 barattootaaf raabsamaa jira jedhaniiru.
Haaluma kanaan birrii miliyoona 11'n meeshaleen barnoota bitaman ijoolleen qonnaan bulaa godina Gediyoo kuma 45 ta'aniif deeggarsi taasifamuu himaniiru.
Deeggarsi kun barrullee, qalamaa fi meeshaalee barnootaa biroo kan of keessaa qabu ta'uu eeraniiru.