Ummata qindeessuun misooma naannichaaf kutannoon hojjechuu jalqabneerra-pirezidaantii bulchiinsa yeoo naannoo Tigraayi - ENA Afaan Oromoo
Ummata qindeessuun misooma naannichaaf kutannoon hojjechuu jalqabneerra-pirezidaantii bulchiinsa yeoo naannoo Tigraayi
Fulbaana 17/2016 (TOI)- Bulchiinsi yeoo naannoo Tigraayi Ummata qindeessuun misooma naannichaaf kutannoon hojjechuu jalqabuusaa pirezidaantiin bulchiinsa yeoo naannoo Tigraayi Geetaachoo Raddaa ibsan.
Pirezidaantichi ergaa baga ayyaana Masqalaa Masqalaa geessanii dabarsaniiru.
Ergaa dabarsaniin akka ibsanitti, qabeenya naannichaa sirnaan hojiirra oolchuun fi human ummataa qindeessuun naannicha misoomsuu fi guddisuuf hojechuun jalqabameera.
Kaleessa Jala bultiirraa kaasee ayyaanni Masqalaa raawwii addaddaa amantichi beekamuun kabajamaa jira.
Ayyaana damaraa Masqalaa kaleessa gaara “Com’aa” magaalaa Maqaleetti argamurratti kabajamerratti kantiibaa magaalaa Maqalee bulchiinsa yeroo obbo Yitbaarak Ammihaa ergaa dabarsaniin akka ibsanitti, gaara “Com’aa” sirnaan misoomsuun hawata tuurizimiif oolchuuf faayidaa dinagdee akka qabaatu xiyyeeffannoon nikennamaaf.
Hirmaattota ayyaanichaa keessaa jiraattuun magaalaa Maqalee adde Fitsum Nagaash yaada kennaniin, “Nagaan bu’ee ayyaana Masqalaa kabajuu danda’uu keenyatti gammachuun natti dhaga’ameera” jechuun ibsan.
Gaara “Com’aa” simboo magaalaa Maqalee ta’erratti ayyaana Masqalaa kabajuu kootti gammadeera” kan jedhe ammo Dargaggoo Mogos Mokonnini.