Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gara Baanguuwiitti balalii eegaluufi.

Fulbaana 17/2016 (TOI) -  Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Sadaasa 5/2016 gara magaalaa gudditti Rippabilika Jiddugala Afirkaa Baanguuwiitti balalii kan eegalu ta'uu beeksiseera.

Daandichi gara magaalaa kanaatti torbanotti guyyoota 3 balalii kan taasisu ta'uu ibsa TOI ergeen beeksiseera.

Yeroo balalii kana gara  Baanguuwiitti eegaluu  Afrikaarra bakkeewwan balalii itti taasisuu 64ffaa addunyaarraatti immoo 135ffaa ta'a jedhameera.

Gara fuula duraattis daandichi addunyaarratti bakka gahimsa isaa babal'isuuf kan hojjetu ta'uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015