Ayyaanni jijjirraa bara haaraa saba Shinaashaa "Garii Woroo"n magaalaa Asoosaatti kabajamaa jira.

Fulbaana 17/2016 (TOI) - Ayyaanni jijjirraa bara haaraa saba Shinaashaa "Garii Woroo"n magaalaa Asoosaatti kabajamaa jira.

Ayyaana waggaa waggaan naannoo Benishaangul Gumuzitti kabajamu keessaa tokko "Garii Woroo"n isa tokko yoo ta'u, ayyaana jijjirraa bara haaraa saba Shinaashaati.

Ayyaanni kun waggaa waggaan walakkeessa baatii Fulbaana keessa kan kabajamu yoo ta’u, dhalattoonni sabichaa kutaawwaan Itoophiyaa hundaa keessa jiraatan ayyaana kanarratti hirmaachuuf walitti dhufu.

Ayyaanni kun guyyaa har'aa magaalaa Asoosaatti kabajameera.

Akka Manguddoonni saba Shinaashaa ayyaanicha kabajaa jiran TOItti himanitti ayyaanichi ayyaana sabni Shinaashaa bara haaraatti ce'uu isaanii sababeeffachuun  uumaa isaaniif galata galchanidha.

Kabajni ayyaanichaa eebba maanguddootaatiin kan eegalu yoo ta’u, eebba isaanis midhaan facaafame nagaan akka gahuu hawwuufi biyyi nagaa akka taatu eebbisu jedhaniiru.

 Sirna baninsa ayyaanichaarratti ibsaan Daamaraa kan gubamu ta'uu manguddoonni kunneen eeraniiru.

Guyyaa ayyaanichaa nyaanni aadaa sabicha adda addaas sirna kanarratti kan dhihaatu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015