Magaalaan Wunshan fi Hararii hariiroo obbulummaa uummachuuf marii isaan dandeesisu taasisan

Fulbaana 17/2016 (TOI)- Magaalaan Hararii fi Chaayinaatti kan argamtu  Magaalaan Wunshaan hariiroo obbolummaa hundeeffachuuf mariin dandeessisu gaggeeffatan.

Marii kanaan Magaalattiin magaaloota biyyoota sahaaraa gadii keessaa magaalaa miseensa  magaalaa ambaa dhaabbata addunyaa (Organization of World Heritage Cities) taate ta'uun ibsameera.

Akkasuma magaalaa nagaa, waldanda'uufi tokkummaa jedhamuun UNESCO n badhaafamteefi beekamtii argattee ta'uun eerameera.

Pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii magaalaan Hararii magaalaa biyya Chaayinaa Wunshan waliin hariiroo obbolummaa hundeeffachuuf marii dandeesisuu himaniiru. 

Marii kanaaan aadaa guddisuun hambaalee seenaa fi muuziyeemii eeguufi kunuunsuu, hariiroo ummataa cimsuufi dhimmoota biroo irratti wal tumsuu irratti waliigaluu himaniiru.

Hoggantoonni magaalaa Wushaan akka himanitt hariiroon Chaayinaafi Itoophiyaan hariiroon waggoota  hedduuf turee fi michummaa gaarii irratti kan hundaa’edha.

Pirezidaantiin Naannoo Hararii  obbo Ordiin Badirii jilli isaanii Magaalaa Wushaan akka daawwatan gaafataniiru.

Maricharratti pirezidaantii naannoo Hararii dabalatee hoggantoonni olaanoo naannichaa  hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015