Jiddu galeessota nyaataa magaalaa keenya keessa jiranitti lammiileen keenya kuma 35 ol tajaajila argachaa jiru-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Jiddu galeessota nyaataa magaalaa keenya keessa jiranitti lammiileen keenya kuma 35 ol tajaajila argachaa jiru-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 17/2016 (TOI)- Jiddu galeessota nyaataa magaalaa Finfinnee keessa jiran 20 keessatti lammiileen keenya kuma 35 ol tajaajila argachaa akka jiiran Kantiibaan Adaanech Abeebee
ibsan.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad jiddugaleessa nyaataa tasfaa biraan Finfinnee 20ffaa dar’a eebbisanii tajaajila jalqabsiisaniiru.
Haala Kanaan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee odeeffannoo fuula marsariitiisaniirratti baasaniin jiddugaleessa nyaataa kun kutaa magaalaa Gullallee Qacanee Madaanalam jedhamee bakka waamamautti ijaaramuusaa eeraniiru.
Jiddugaleessi kun jiraattota dadhaboo naannawaa 500 oliif guyyaatti nyaata madaalawaa altokko akka argatan akka dandeessisu ibsaniiru.
Jiddugaleessa kana birrii miiliyoona 47’n kan ijaarsise Tokkummaa istaar biizinas giruup akkasumas tajaajilamtoota nyaachisuuf jiddugaleessicha kan fudhate Buzaayyoo Taaddalaa Faawundeeshin galateeffataniiru
Jiddugaleessota nyaataa magaalattiitti argaman 20 keessatti lammiileen kuma 35 ol ta’aan tajaajila argachaa akka jiran Kantiibaa Adaanech eraniiru.