Ayyaanni Damaraa balaa ibiddaa tokko malee nagana xumurameera-komishinii hooggansa hojii ibiddaa fi yaaddoo balaa

Fulbaana 17/2016 (TOI)- Ayyaanni Damaraa kaleessa kabajame Finfinneetti balaa ibiddaa tokko malee nagana xumuramuusaa komishiniin hooggansa hojii ibiddaa fi yaaddoo balaa beeksise.

 

Komishiniin hooggansa hojii ibiddaa fi yaaddoo balaa ayyaana Damaraa dursuun waltajjiiwwan addaddaa qopheessuun hubanoo kanneen ayyaana kana qopheessanii fi abbootii amantaa akkasumas qaamolee nageenyaa waliin hojjechaa waan tureef ayyaanni Damaraa nagana xumuramuusaa eereera.

Komishinichi ayyaanichi nagana akka xumuramu waliin hojjechaa kan turan galateeffateera.

Ayyaanni Masqalaa har’a Fulbaana 17 bara 2016 kabajamu balaa ibiddaa tokko malee akka xumuramu ofeeggannoon barbaachisu akka taasifamu hubachiiseera.

Hawaasni ibiddaa fi balaawwan biroo akkasumas tajaajila Ambulaansiif lakkoofsa bilbilaa 939 ykn 0111-55-53-00 akka fayyadamu komishinichi gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015