Mootummaan hojiiwwan aadaa duudhaa amantaa ayyaana Masqalaa eeguu fi misoomsuuf hojjetamaniif deeggarsa barbaachisu nitaasisa-Ministira aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa

Fulbaana 16/2016(TOI)- Mootummaan hojiiwwan aadaa duudhaa amantaa ayyaana Masqalaa eeguu fi misoomsuuf hojjetamaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisu Ministirri aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaa ibsan.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa sirnoota amanta addaddaatiin addababayii Masalaatti kabajamaa jira.

Ministirri aadaa fi Ispoortii qajeelaa Mardaasaa wayita kana akka jedhanitti, ayyaanota amantaa fi aadaa gurguddoo Itiyoophiyaan qabdu keessaa inni tokko ayyaana Damaraa Masqalaati.

Ayyaanni Masqalaa duudhaalee afuuraa fi aadaa addaddaa kan qabuu ta’uusaa ibsanii, Itiyoophiyaanonni dammaqinaan akka kabajan dubbataniiru.

Masqalli Itiyoophiyaarra darbee qabeenya Yuuneeskoo ta’eera jedhaniiru.

Ayyaanni Masqalaa jaalala, walooma, walgargaaruu, tokkummaa fi nageenya kan barsiisu ta’uusaa kaasanii, barsiisa ayyaanichaa hordofuun jaalalaan tokko ta’uu fi nagana waliin jiraachuu qabna jechuun ibsan.

Rakkoolee mudatan obsa, marii fi dhiifamaan bira darbuun nagaa fi tokkummaa Itiyoophiyaaf hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Duudhaaleen amantaa fi aadaa ayyaana Masqalaa akka eegamanii fi akka misooman akkasumas dhalootaaf akka dabarfaman deeggarsa barbaachisu akka taasisu obbo Qajeelaan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015