Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame

Fulbaana 16/2016 (TOI)- Hawaasni musliimaa nageenyii fi misoomni biyyaa akka mirkanaa’u yaalii taasisu cimsee akka itti fufuu waamichi taasifame.
Ayyaanni dhalootaa Nabii Mahaammad kuma 1 fi 498ffaan “mata duree “Nabii abbaa dhiifamaa” jedhuun abbootiin amantaa Islaamaa, hooggantoonni mootummaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa biroo fi keewssummoonni waamichi taasifameef bakka argamanitti masjiida Aniwaar Guddichatti kabajameera.
Itti aanaan pirezidaantii mana maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa Finfinnee Sheeh Fatihuddiin Haajii Zayinuu wayita kana, wayita ayyaana Mawuliidaa kabajnu karaa nagaa, jaalalaa fi tokkummaa ummataa cimsuun ta’uu qaba jedhaniiru.
Hawaasni musliimaa misoomnii fi nageenyi ummataa akka mirkanaa’u yaalii taasisaa jiru caalaatti akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru.
Imaamiin Msjiida Aniwaar guddichaa Sheeh Xahaa Haaruun gamasaaniin, Mawuliidiin ayyaana jaalalaa, waloomaa fi tokkummaa ta’uusaa dubbataniiru.
Hawaasni musliimaa Mawuliida wayita kabaju akkaataa bariisa Nabii Mahaammadiin gad ofqabuun, dhiifama gochuun fi walgargaaruun , dadhaboota gargaaruun akkasumas lammiilee hordoftoota amantaalee biro waliin walooma cimsuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Ittigaafatamtuun biiroo bulchiinsa nageenyaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, ayyaanni Mawuliidaa wayita kabajamu dhiifamni Nabii Mahaammad, gad ofqabuu fi duudhaaleen tolummaa kanneen biroo karaa agarsiisuun ta’uu qaba jedhan.
Rakkoolee akka biyyaatti mudatan hiikuuf aadaa mari’achuu gabbisuun misooma Itiyoophiyaa hundagaleessaa fi milkaa’ina guddina hawaasummaaf hundi tumsuu akka qabu ittigaafatamtuun biiroo kun dubbataniiru.