Ayyaanni Damaraa Masqalaa magaalaa Gaambellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira

Fulbaana 16/2016(TOI)- Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amanttichaa karaa eegeen magaalaa Gaambellaa fi naannawasheetti kabajamaa jira.

Ayyaanichi sirnoota amantaa addaddaatiin kabajamaa jira.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amantaan alatti tuuristii hawachuun guddina dinagdee biyyattiif qoodasaa bahachaa jira.

Ayyaanni kun hambaa addunyaa ta’uun Yuuneeskootti galmaa’uunsaa niyaadatama.

Ayyanichi Biishooppiin lallaba Gaambeellaa, Asoosaa, Qeellam Wallaggaa fi Sudaan Kibbaa  Qulqulluu Abuna Rufaa’eel, bakka bu’aam kantiibaa Gaambeellaa, abbootiin beektotaa hordoftoonni amantichaa bakka argamanitti magaalaa Gaambeellaatti kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015