Naannoon Hararii ergaa baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessanii dabarse - ENA Afaan Oromoo
Naannoon Hararii ergaa baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessanii dabarse

Fulbaana 16/2016 (TOI)- Mootummaan naannoo Hararii hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessan jechuun ergaa dabarseera.
Naannoon Hararii ergaa dabarseen hawaasni Kiristaanaa ayyaanichi duudhaa kabaja ayyaana Damaraa eegee akka kabajamu gochuun lammiilee rakkatan deeggaruun fi aadaa waliif gadduu fi waldeeggaruu ittiin beekamu hojiirra oolchuun ayyaanicha akka kabaju waamicha taasisaniiru.
Hawaasa Kiristaanaa dabalatee jiraataan naannichaa hundi, nageenya, walooma, waliifqaqqabuu fi obbolummaa cimsuun akkasumas hojiiwwan misoomaa hunda galeessa naannichatti jalqabaman akka ciman deeggarsasaa akka cimsu mootummaan naannichaa nigaafata.
Mootummaan naannichaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan irra deebi’uun baga ayyaana Damaraa Masqalaa geessan jedheera.
Ayyaanichi kan nagaa, tokkummaa, waliif yaaduu, gammachuu fi jaalalaa akka ta’u nihawwa.
Fulbaana 16 bara 2016