Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Jira- Ahimad Shidee

Fulbaana 16/2016 (TOI)- Tumsi Tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa Dameelee Tumsaa Addaddaatiin Ittii Fufsiisuuf Hojjetamaa Akka Jiru Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan.

Guyyaan biyyaalessaa hundeeffama Rippaabiliika Chaayinaa waggaa 74ffaa kaleessa galgala Finfinneetti kabajameera.

 Hooggantoonni mootummaa olaanoo, miseensonni hawaasa dippilomaatikii fi keessummoonni waamichi taasifameef sagantaa kanarratti argamaniiru.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan biyyoota michooma seenaqabeessa wal amantaarratti hundaa’e qabanidha.

Haala Kanaan Chaayinaan Itiyoophiyaatti dameelee ijaarsaa daandii si’aayinaa, sarara baaburaa, ijaarsa anniisaa fi bu’uura misoomaatiin qooda guddaa bahaa akka jirtu ibsaniiru.

Fuulduras akkaataa itti fayyadama walootiin tumsa tarsiimawaa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf Itiyoophiyaan cimsitee kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.

Itti aanaa dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa doktar Mooniik Nsaanzabagaanwaa, Chaayinaan ijaarsa dinagdee Afriikaarratti deeggarsa olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru.

Fuulduras ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi muuxannooshee hiyyuma hir’isuu qooduun dameelee tumsa misoomaa dargaggoota Afriikaa fayyadamaa taasisanirratti tumsashee cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.

Itiyoophiyaatti gaggeessaan itti aanaa misiyoonii embaasii Chaayinaa Shiin Chiinmiin, Chaayinaan Inisheetiivii Beelt endi rood bocuun dameelee misoomaa Afriikaa addaddaa keessatti Ashaaraashee kaa’aa jirti jedhan.

Hammattoo Kanaan waggoota 53 kan dabarse tumsi tarsiimawaa hundagaleessi Itiyoo-Chaayinaa tumsa siyaasaa fi dinagdeetiin cimee itti fufuusaa dubbataniiru.

Guyyaan biyyaalessaa Rippaabiliika Chaayinaa “Shiiyyii” jedhamuun kan beekamu yemmuu ta’u, akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1949 pirezidaantii Rippaabiliikii Chaayinaa duraanii Maa’oo Zedoongiin mootummaan ummataa hundaa’uurraa isaatiin waggaa waggaa nikabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015