“Ayyaanni Masqalaa fakkeenya waloomaa fi abdiiti”-Af-yaa’ii mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar

Fulbaana 16/2016 (TOI)- “Ayyaanni Masqalaa fakkeenya waloomaa fi abdiiti” jedhan Af-yaa’ii mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar.

Ergaan baga geessanii dabarsan akka armaan gadiitti dhihaateera,

“Ayyaanni Masqalaa ayyaana lafa lalisaan miidhagee abaaboo birraan ifee, tapha aadaa ijoolleetiin, eebbaa fi galata abbootiin dabaalamee addababayiirratti dammaqinaan kabajamudha.

 

Ayyaanni kun biiftuun duumessa gannaan lalisaa lafaa waliin makattee ifa kan ittiin gonfattu, lafti sanyii facaafame biqilchitee asheeta kennuu wayita jalqabdu, namoonni dukkanaa bahanii abdii kan itti horatan waan ta’eef miidhagina addaa qaba.

Kanaaf ayyaanni masqalaa fakkeenya waloomaa, ciminaan hojjechuu, obsaa fi abdiiti. Nuyi saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni Itiyoophiyaa qormaattota imala waloomaa keenyarratti nuquunnaman abdii, obsaa, cichaa fi ciminaan hojjechuun darbuun carraa Itiyoophiyaa egeree miidhagsuuf kutannoon hojjechuutu nurraa eegama.

Damaraan Masqalaa wayita qabsiifamu ifa olaanaa, miidhagina guddaa kenna, abdiis namatti hora. Nuyi Itiyoophiyaanonni akkuma damaraati. Lammiileen akkuma guchaa aadaa, afaan, xiin sammuu fi teessuma lafaa walfakkaataa qaban waliiti dhufanii saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni akkuma gucaa walta’anii fi ida’amanii Itiyoophiyaan guddittiin akka dhugoomtu taasisaniiru. Utubaawwan gucoonni walta’anii akka dhaabatan dandeessisan ammoo duudhaalee waloo keenya biyyi bu’ura cimaarra akka dhaabattu taasisan waliin walfakkatu.

Kanaaf ida’amnee tokko taanee nageenyii fi misoomni akka mirkanaa’u waloomaan yoo kaane akkuma ifa Damaraa olkaanee mul’annee fi miidhagnee nimul’anna. Dukkanni garaagarummaa naannoo keenya marse nigadhiisa.

Kanaaf ayyaanni masqalaa hambaa addunyaatti galmaa’ee taateewwan addaddaan dabaalamee naannawa biyyattii addaddaatti kabajamu walitti bu’iinsa waljinii, walxaxuu, obbolaan walitti ka’uu garaa walitti jabaachuu fi gochoota diiggaa kanneen biroorraa of fageessinee obbolummaa, waloomaan, tolummaan, walkabajuun, walutubuu fi walgorsuun ijaarsa biyyaa fi guddina waloof akka qophoofnu ergaa koon dabarsa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015