Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan boqonnaa hariiroosaanii tumsa dinagdee olaanaatti ceesisanirratti argamu-Ambaasaaddar Mohaammad Laamnee Laabaas

Fulbaana 15/ 2016 (TOI)- Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan boqonnaa hariiroosaanii tumsa dinagdee olaanaatti ceesisanirratti akka argaman Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Aljeeriyaa Mohaammad Laamnee Laabaas ibsan.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddrri Aljeeriyaa ambaasaaddar Mohaammad Laamnee Laabaas TOI’f akka ibsanitti, biyyoonni lamaan hariiroo bara dheeraa qabu.

Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan gama siyaasaan hariiroo cimaa qabaatanis, gama dinagdeetiin amma barbaadamu walitti hidhata akka hinqabne kaasaniiru.

Tajaajilli geejjiba Xayyaaraa kallattii biyyoota lamaan jidduutti osoo hinjalqabamiin turuunsaa laafina tumsa dinagdeef sababa tokko akka ture eeraniiru.

Kana fooyyesuus tajaajilli Xayyaaraa kallattii Finfinnee fi Aljeeriyaa jidduutti akka jalqabamu xiyyeeffannoon hojjetamaa akka turehimaniiru.

Tumsa damee geejjibaa qilleensaa cimsuuf waliigaltee taasifameen torbee darbe daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Aljeeriyaarraa gara Finfinneetti kallattiin balali’uunsaa ibsaniiru.

Kun ammoo hariiroo daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuun gara tumsa dinagdee olaanaatti boqonnaa haaraa bana jedhaniiru.

Tumsi damee aviyeeshiniin jalqabame Aljeeriyaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaarraa muuxannoo akka argattu akka taasisu ibsanii, tumsa kana cimsinee itti fufna jedhan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Baatii Hagayyaa bara 2014 daawwannaa Aljeeriyaatti taasisaniin pirezidaantii biyyattii Abdulmajiid Taabuunee waliin haala tumsa walitti hidhamiinsa dinagdee biyyoota lamaanii cimsuu danda’anirratti mari’achuunsaanii niyaadatama.

Hooggantoonni lamaan balallii kallattii biyyoota lamaan jidduutti jalqabsiisuu, wajijjiirraa daldalaa fi hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii jidduutti cimsuun haala danda’amurratti mari’achuunsaanii niyaadatama.

Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 erga bilisa baatee jalqabee biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii kan uuman yemmuu ta’u, Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1976 Finfinneetti Embaasii banatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015