Hawaasni yakkamtoota ayyaana waggaa fayyadamuun maallaqa sobaan gabaa bahanirraa ofeeggachuu qaba- Baankii Biyyaalessaa - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni yakkamtoota ayyaana waggaa fayyadamuun maallaqa sobaan gabaa bahanirraa ofeeggachuu qaba- Baankii Biyyaalessaa

Fulbaana 15/2016 (TOI)- Hawaasni yakkamtoota ayyaana waggaa fayyadamuun maallaqa sobaan gabaa bahanirraa ofeeggachuu akka qabu Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hubachiise.
Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa TOI’f ergeen gabaan ayyaana waggaa dafi dafiin kan itti baay’atu waan ta’eef yakkamtoonni waliindhahuuf akka carraatti akka itti fayyadaman himaniiru.
Haala Kanaan ayyaanota amantaa fi ummataa jidduu kana kabajaman sababeeffachuun gabaa jiranirratti yakkamtoonni hirmaachuu akka danda’an eereera.
Kanaaf hawaasni yakkamtoota dafi dafii kanatti fayyadamanii birrii sobaa maxxansanii gabaa bahanirraa ofeeggachuu akka qabu hubachiiseera.
Mallattoowwan ofeeggannoo maallaqarra jiran ilaaluun bittaa fi gurgurtaa raawwachuun akka barbaachisu baankiin biyyaalessaa hubachiiseera.
Hawaasni yakkamtoota birrii maxxansan, deddeebisan akkasumas gabaaf dhiheessan qaamolee nageenyaaf eeranii ittigaafatamasaa akka bahu waamicha taasiseera.