Naannoo Amaaraatti Lafti Ruuziin misoomu dabalaa akka jiru biiroon qonnaa naannichaa beeksise - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Amaaraatti Lafti Ruuziin misoomu dabalaa akka jiru biiroon qonnaa naannichaa beeksise

Fulbaana 15/2016(TOI)- Naannoo Amaaraatti misooma Ruuzii babal’isuuf yaalii taasifameen lafti Ruuziin misoomuu fi oomishni argamu dabalaa dhufuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Bara oomishaa 2015/16 naannichatti lafa Ruuziin misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 5 tuqaa 4 akka eegamu biirichi ibseera.
Biirichatti qindeessituun misooma Ruuzii adde Inniyyee Asaffaa TOI’f akka ibsanitti, oomishni kun kan eegamu aanaalee 17 Ruuziin itti oomishamu lafa heektaara kuma 83 fi 650 irraa akka ta’e ibsaniiru.
Raawwiin kun kan bardheengaddaa waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu lafa heektaara kuma 22, oomishaan ammoo kuntaala miiliyoona 2 ol caalmaa akka qabaatu dubbataniiru.
Kun ammoo lafti misoomuu fi misoomni argamu kan agarsiisu yemmuu ta’u jiddugaleessi qorannoo fi leenjii Ruuzii biyyaalessaa Fogaraa, fi dhaabbileen biroo sanyii fooyya’aa dhiheessaniin qonnaan bulaan wabii nyaataa akka mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee akka guddisu akka gargaare dubbataniiru.
Qonnaan bulaan godina Gondar Kibbaa aanaa Fogaraa ganda Aguwaakookiit Tsahaaynew Sinnishaawu yaada kennaniin, lafa heektaara lamatti hiiqurratti Ruuzii oomishaa akka jiran ibsaniiru.
Barana hanqinni xaa’oo mudatus Ruuzii oomishamaa jirurraa kuntaala 130 akka argatan beeksisaniiru.
Sanyiin Ruuzii oomisha guddaa kennan yeroo yerootti dhihaachuunsaanii nufayyadeera kan jedhan ammoo qonnaan bulaa aanichaa Allebbaachoo Guwaaddeeti.
Lafa heektaara tokkoo fi walakkaarratti Ruuzii oomishaa akka jiran ibsaniiru.
Naannichatti bardheengaddaa Ruuzii lafa heektaara kuma 61 fi 497 irratti misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona 3 tiqaa 2 ol argamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksiseera.
Naannoo Amaaraatti lafti oomisha Ruuziif ta’u heektaara miiliyoona 1 ol akka jiru odeeffannoon biiroo qonnaa naannichaarraa argame nimul’isa.