Abbootiin qabeenyaa Invastimantii misooma qonnaarratti hirmaachuunsaanii qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf akka gargaaru ibsame

Fulbaana 14/2016(TOI) - Abbootiin qabeenyaa Invastimantii misooma qonnaarratti hirmaachuunsaanii qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu akka dandeessisu waajjirri Invastimantii fi Industirii godina Harargee lixaa ibse.

Fooramiin Invastimantii dureeyyiin hojiirra jiranii fi barana haaraa itti makaman dabalatee hooggantoonni sadarkaan jiran itti hirmaatan har’a magaalaa Cirootti taa’ameera.

Bakka bu’aan ittigaafatamaa waajjira Invastimantii fi Industirii godinichaa obbo Mahaammad Ibroo wayita kana akka jedhanitti, Invastimantiin hojii qonnaarratti xiyyeeffachuunsaa qaala’iinsa jireenyaa fi daballii gatii nitasgabbeessa.

Godinichatti Inastaroota barana invast godhan kuma 1 fi 159 kessaa 980 kan ta’an hojiilee misooma qonnaa addaddaarratti akka bobba’an akka taasifamu dubbataniiru.

Dinagdeen biyyaa kan guddatuu fi jijjiiramnihundagaleessi kan dhufu dandeettiin oomishtummaa fi baay’inni oomishaa wayita dabale ta’uu eeranii, dureeyyotaaf deeggarsa ogummaa taasisuun galma kaa’am emilkeessuun akka irraa eegamu dubbataniiru.

Rakkoolee akka matta’aa, hanqina bakka babal’ifannaa irra deddeebi’anii kaafaman ta’uu eeranii, bara kana kanneen furuuf dureeyyii cinaa akka dhaabatan mirkaneessaniiru.

Itti aanaa bulchaa godinichaa obbo Tashoomaa Gammadaa gamasaaniin yaaliin dureeyyiin invast gochuun biyyasaanii misoomsuuf taasisan beekumsaa fi hubannoo invast irratti taasisaii bal’isuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Godinichatti aanaa Hawwii guddinaatti qonnaa midhaan dibataarratti bobba’anii bu’a qabeessa kan ta’an dureettiin adde Samiiraa Abdulmaaliik oomisha amma maasaarra jirurraa oomisha gaarii akka argatan dubbataniiru.

Saliixii, Boloqqee, Lawuzii fi midhaan dibataa kanneen biroo lafa heektaara 10 irratti oomishuun gabaaf akka dhiheessanii fi fuulduratti caalaa bal’isuuf yaalaa akka jiran himaniiru.

Namoota kudhaniif carraa hojii uumuusaaniis dabalanii himaniiru.

Aanaa Machaaraatti qonnaa waliigalaarratti kan hirmaatan obbo Naasir Mahaammad gamasaaniin, Boqqoolloo fi Barbaree oomishuun fayyadamaa ta’uusaanii nidubbatu.

Midhaan addaddaa fi Barbaree lafa heektaara 36 olirratti akka oomishan himaniiru, namoota 30 oliif carraa hojii akka uuman eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015