Tamsaasa Kallatti:

Odeeffannoo Wayitaawaa lakkoofsa 5 qajeelcha  izzii labsii yeroo muddamaa irraa kenname

Ayyaaneffannaawwan Mawuliidii, Damadraa fi Masqalaa Fulbaana 16 fi 17 kabajaman naannoo Amaaraatti akkaataa sirni amantichaa eeyyamuun akka kabajaman Komandi poostichi hojjechaa jira.

Labsii yeroo muddamaa Kanaan walgahiiwwan ummataa dhorkamuunsaanii niyaadatama. Kun ammoo humnoonni finxaaleyyii fi saamtotaa miidhaa ummatarraan gahan hir’isuuf yaadamee kan taasifamedha. Ayyaanonni amantaa Fulbaana 16 fi 17 kabajaman ayyaanota addabaabayiitti kabajaman waan ta’eef sirna ayyaanichaaf jecha addababayiirratti sassaabamuu eeyyamuun barbaachiseera.

Waan kana ta’eef ajaja armaan gadii akka raawwataman qajeelchi Izzii labsii yeroo muddamaa nibeeksisa.

  1. Walgahuuwwan kunneen sirna kabajaa ayyaana amantaa qofaaf ta’uu qaba.
  2. Walgahuun kun ayyaanichi jalqabee amma xumuramutti qofa.
  3. Wayita ayyaanonni kunneen kabajaman nageenya ummataaf jecha qaamolee nageenyaa dhagahuun durqama ta’a.

Fulbaana  14 bara 2016

           Qajeelcha Izzii labsii yeroo muddamaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015