Duudhaalee aadaa abbootiin eeganii tursan dhaloonni har’aa guddisuutu irraa eegama-obbo Qajeelaa Mardaasaa - ENA Afaan Oromoo
Duudhaalee aadaa abbootiin eeganii tursan dhaloonni har’aa guddisuutu irraa eegama-obbo Qajeelaa Mardaasaa

Fulbaana 12/2016 (TOI) - Duudhaalee aadaa abbootiin eeganii tursan dhaloonni har’aa beekumsaan guddisuun akka irraa eegamuministirri aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa hubachiisan.
Jijjiiramni bara haaraa saba Hadiyyaa ayyaanni “Yaahodee” har’a magaalaa Hoosaa’inaatti kabajamaa jira.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa sirna kanarratti ayyaanni “Yaahodee” dhaala abbootiin keenya nuuf tursan nuuf tursanidha jedhan.
Duudhaaleen aadaa Itiyoophiyaa Yaahodee fi kanneen biroo abbootii keenyaan eegamanii turfaman dhaloonni har’aa beekumsaan guddisee fi misoomsee guddina biyyaaf oolchuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Ayyaanni jijjiirama bara haaraaHadiyyaa “Yaahodee”lakkoofsa guyyaa ofdanda’e kan qabu ta’uun alatti walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf qooda olaanaa akka qabu himameera.