Ogeeyyonni miidiyaa Irreechi ibsituu tokkummaa fi walooma ta’uu beeksisuun waan irraa eegamu akka bahan gaafatame - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyonni miidiyaa Irreechi ibsituu tokkummaa fi walooma ta’uu beeksisuun waan irraa eegamu akka bahan gaafatame

Fulbaana 12/2016(TOI)- Ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii Irreechi ibsituu tokkummaa fi walooma ta’uu beeksisuun waan irraa eegamu akka bahan gaafatame.
Qopheessummaa biiroo komunikeeshinii fi biiroo aadaa fi tuurizimiitiin mata duree “Irreechi mallattoo tokkummaa fi obbolummaa” jedhuun ogeeyyota miidiyaaf leenjiin kennameera.
Ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu addunyaa leenjicharratti akka jedhanitti, irreechi ayyaana ibsituu maalummaa ummata Oromoo fi waloomni kan itti cimudha.
Kanaaf jecha Irreecha baranaa karaa tokkummaa fi obbolummaa ummataa cimsuun kabajuuf qophiileen barbaachisan taasifamaa akka jiran ibsaniiru.
Abbootiin gadaa fi haadholiin siinqee Oromoo guyyaa Irreechi itti kabajamu erga labsanii kaasee qophiileen addaddaa taasifamaa akka jiran himaniiru.
Leenjiin har’a ogeeyyota miidiyaaf kennames qaama qophii kanaa ta’uu ibsanii, ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii maalummaa Irreechaarratti hubannoo gahaa akka argatan gochuufi jedhan.
Ayyaana Irreechaarratti kan argaman Sabaa fi sablammoonni addaddaa waan ta’aniif ayyaanni Irreechaa karaa tokkummaa cimsuun nikabajama jedhaniiru.
Haala Kanaan miidiyaalee fi ogeeyyonni komunikeeshinii Irreech ibsituu tokkummaa fi waloomaa ta’uusaa beeksisuun qoodasaanii akka bahan gaafataniiru.
Ittifufuunis ayyaanichi karaa nagaa fi duudhaasaa eeggateen akka kabajamu qoonni miidiyaalee guddaadha jedhan obbo Hayiluun.
Ummanni hedduun ayyaana Irreechaarratti waan hirmaatuuf miidiyaaleen karaa duudhaa gaarii ayyaanichaa mul’isuun gabaasuu qabu jedhaniiru.
Ayyaanichi tokkummaa, walooma, nageenya, walkabajaa fi dhiifama walii taasisuuf qooda olaanaa waan qabaatuuf gabaasa kana calaqqisiisu gabaasuutu eegama jedhan.
Itti aanaan ittigaafatamaa biiroo aadaa fi tuurizimii Oromiyaa obbo Birhaanuu Buxxee gamasaaniin, Irreechi duudhaasaa eegee akka kabajamu qophiileen addaddaa taasifamaa jiru.
Amma ammaattis kutaaleen hawaasaa addaddaa waliin maalummaa fi kabaja ayyaana Irreechaarratti mariin taasifamaa turuu kaasaniiru.
Fuulduras mariileen akkasii akka itti fufan eeranii, miidiyaalee fi ogeeyyonni komunikeeshinii ittigaafatama irraa eegamu akka bahan waamicha taasisaniiru.
Ayyaanni Irreecha baranaa Fulbaana 26 fi 27 bara 2016 Hora Finfinnee fi Hora Arsadeetti akka kabajamu gamtaan abbootii gadaa Oromoo beeksisuunsaa niyaadatama.