Yaa'iin qulqulleesituu dhimmoota heeraa hojii isaa si'ataa gochuuf wixinee dambii sirna adeemsa qopheessep - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin qulqulleesituu dhimmoota heeraa hojii isaa si'ataa gochuuf wixinee dambii sirna adeemsa qopheessep

Fulbaana 12/2016(TOI)፦ Yaa'iin Qulqulleesituu dhimmoota heeraa FDRI hojiin hojjetu si'ataa akka ta'uuf wixinee danbii sirna adeemsaa qopheesse.
Yaa'iin Qulqulleesituu dhimma heeraa FDRI wixinee dambii sirna adeemsa qopheesse kanarratti qaamolee qooda fudhatootaaf waltajjii qopheessuun galtee dabalataa wixinichaaf ta'uu walitti qaba jira.
Itti aanaan Pirezidaantii Mana Murtii waliigalaafi walitti qabaan Yaa'iichaa Ababaa Imbi'aalee dambichi olaantummaa heeraa kabachiisuuf ni gargaara jedhaniiru.
Hojii Gaaffii hiikkaa heeraafi iyyatoota qulqullee si'ataa taasisuu, iftoominaafi haala tajaajilamaan karaa salphaa itti fayyadamuu danda'uu kan taasisuudhas jedhaniiru.
Cinaatti immoo dambichi adeemsa yaa'ichaa karaa walfalkataa akka deemu akkasuma waliigalaan sirna hiikkaa heeraa fooyya'aa kan taasisudha jedhaniiru.
Gama birootiin yaa'ichi bara 1991 erga hundeeffamee hojii jalqabee as dhaabbilee adda addaa, gareewwan, Namoota dhuunfaafi paartilee siyaasaa dabalatee iyyannoo kuma 8 ol fudhachuu himaniiru.
Kana keessaas galmeewwaan kuma 4 fi 340 irratti murteefi yaada murtee kennuu eeraniiru.