Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisuun mariin marsaa lammaffaa Itiyoophiyaa, Gibxii fi Sudaan jidduutti taasifamu jalqabame

Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha ilaalchisuun mariin marsaa lammaffaa Itiyoophiyaa, Gibxii fi Sudaan jidduutti taasifamu jalqabame

Fulbaana 12/2016(TOI)-  Mariin danbiiwwanii fi qajeelfamoota guutinsaa fi gadhiisuu bishaanii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa marsaa lammaffaa har’a Fulbaana 12 bara 2016 Finfinneetti jalqabameera.

Gama Itiyoophiyaatiin jila maree kanarratti hirmaatu kan dursan ambaasaaddar doktar Silashii Baqqalaa haasawa baniinsaa taasisaniin, mariin kun taasifamaa kan jiru akkaataa ibsa qajeelfama akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2015’n guutinsa bishaanii hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa marsaa 4ffaa milkaa’inaan xumurame booda ta’uu eeraniiru.

Kanaaf marii marsaa kanaatiin biyyoonni sadan dhimmicharratti waliigalteerra gahuuf yaalii cimaa akka taasisan amantaa qaban ibsaniiru.

Akkasumas filannoon jiru akka ibsa qajeeltoowwanii keessatti ibsametti itti fayyadama bishaan Abbayyaa haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’e hundeessuun qofa ta’uu ibsaniiru.

Adeemsi kun milkaa’inaan akka xumuramu akkuma Kanaan duraa Itiyoophiyaan kutannoodhaan qoodashee akka baatu mirkaneessaniiru.

Ministirri bishaanii fi jallisii Gibxi piroofeesar Haanii Seewiilaam fi eeggataan ministira bishaanii Sudaan Daawulbeeyi Abdilrehimaan Mansur Baashir haasawa ka’umsaa taasisaniin marii Kanaan waliigalteerra gahuuf amantaa fi abdii cimaa qaban ibsuusaanii odeeffannoon tajaajila komunikeeshinii mootummaarraa argane nimul’isa.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015