Jala bultiin ayyaana “gifaataa” magaalaa Walaayittaa Sooddootti qophiilee addaddaatiin kabajamaa jira

Fulbaana 12/ 2016 (TOI)- jala bultiin ayyaana bara haaraa saba Walaayittaa “Gifaataa” magaalaa Walaayittaa Sooddootti qophiilee addaddaatiin kabajamaa jira.

Sabni Walaayittaa ayyaana jala bultii kana “Baaciraa Qeeraa” jedhee yemmuu waamu sirni nyaata aadaa galtee qooccoorraa qophaa’u kna adeemsifamuu fi hawwiin baga geessanii kan itti waljijjiiran ta’uun ibsameera.

siimpooziyeemiin aadaa fi afaanii qaama kabaja ayyaana kanaa ta’e hooggantoonni mootummaa olaanoo fi jaarsolii biyyaa dabalatee kutaaleen hawaasaa biroo bakka argamanitti magaalaa Sooddootti adeemsifamaa jira.

Siimpooziyeemiin magaalattii galma “Gutaraa”tti adeemsifamaa jiru kanarratti barreeffamoonni qorannoo addaddaa nidhihaatu jedhameetu eegama.
 

Akkasumas Kitaabni bara haaraa saba Walaayittaarratti “Gifaataa” irratti xiyyeeffate kan eebbifamu yemmuu ta’u qophiileen aadaa fi aartii addaddaa akka dhihaatan beekameera.

Ayyaanni “Gifaataa” boru Istaadiyeemii Sooddootti qophiilee aadaa addaddaatiin akka kabajamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015