Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa akka deeggaru ibseera

Fulbaana 12/2016 (TOI)- Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa akka deeggaru beeksise.

Yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa New Yoorkitti taa’amaa jiru cinaatti itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin itti gaafatamaa Yuu enni diipii Achiim Steeyinar waliin mari’ataniiru.

Sagantaan misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Itiyoophiyaa waliin tumsa yeroo dheeraa akka qabu ittigaafatamaan kun marii kanarratti yaadataniiru.

Dhaabbatichi Kana malees adeemsa nageenyaa Itiyoophiyaa, deebisanii ijaaruu fi dhaabuu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.

Imala misoomaa Itiyoophiyaan jalqabde akka itti fuftu dhaabbatichi deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin gamasaaniin sagantaan misooma Dh M G deeggarsa Itityoophiyaaf taasisaa jiru dinqisiifatanii, tumsi qaamota lamaanii hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan ittigaafatamaa kana waliin sagantaalee misoomaa biroorratti marii milkaa’aa taasisuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015