Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaasaa amantaa eegee akka kabajamu hawaasni qoodasaa akka bahu waamichi taasifame - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaasaa amantaa eegee akka kabajamu hawaasni qoodasaa akka bahu waamichi taasifame

Fulbaana 12/2016(TOI)- Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaasaa amantaa eegee nagana akka kabajamu hawaasni qoodasaa akka bahu gumiin dhaabbilee amantaa Finfinnee waamia taasise.
Gumiin kun biiroo nageenyaa fi tasgabbii bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun ayyaana damaraa Masqalaa torbee dhufu kabajamu ilaalchisuun bulchitoota manneen amantaa fi abbootii amantaa waliin ta’uun mari’achaa jira.
Barreessaan olaanaa gumii dhaabbilee amantaa Finfinnee paastar Taammiraat Abagaaz, ayyaanni damaraa Masqalaa duudhaasaa amantaa eegee nagana akka kabajamu hawaasni qoodasaa akka bahu waamicha dabarsaniiru.
Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha wayita kabajan walooma karaa jabeessuun ta’uu qaba jedhan.
Ayyaanota amantaa bakkeetti kabajaman keessaa ayyaanni damaraa Masqalaa isa tokkodha.
Ayyaanni Masqalaa fi damaraa baatii Sadaasa bara 2006 Yuuneeskootti kabajamuunsaa nibeekama.