Qonnaan Bultoonni godinichaa hojmaata qonnaa fooyya’aatti fayyadamuun oyiruusaanii kunuunsaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan Bultoonni godinichaa hojmaata qonnaa fooyya’aatti fayyadamuun oyiruusaanii kunuunsaa jiru
Fulbaana 12/2016(TOI) - Hojimaata qonnaa fooyya'aatti fayyadamuun oyruusaanii kunuunsaa akka jira qonnaan bultoonni aanaa Sinaanaa himan
Godina Baaleetti bara omishaa 2015/16tti lafti hektaara kuma 560 ol midhaan akaakuu garagaraatiin misoomsuuf karoorfame keessaa heektaarri kuma 300 misoomee kunuunfamaa jiraachuu waajjirri qonna godinichaa beeksise.
Qonnaan bultoonni aanaa Sinaanaa yaada kennan keessaa Jabboo Muhammad akka jedhanitti callaa guddistuuf xaa'otti fayyadamuun lafa heektaara 2 qamadiin misoomsaa jiraachuu dubbatan.
Yeroo ammaatti deeggarsa keemikaala farra aramaa ''Palestar'' dhaabbata 'Care Agro' irraa bilisaan argatanitti fayyadamuun midhaan isaanii kunuunsaa jiran irraa callaa kuntaala 65 kan abdatan ta'uus eeran.
Qonnaan bulaa Hasan usmaan gama isaaniitiin aramaan hudhaalee oomishtummaa hir'isan keessaa tokko ta'uu hubannoo waan argataniif maasii isaanii farra aramaa biifaa jiraachuu kaasan.
Ittigaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Sinaanaa Obbo Mu'aawiyyaa Fu'aad aanichatti lafti hektaarri kuma 79 ol midhaan akaakuu garagaraatiin misoomee kunuunfamaa jiraachuusaa dubbatan.
Waajjirra qonnaa godinaatti dursaan garee callaa guddistuu Obbo Dabalaa Simee godinichatti omisha bara 2015/16tti lafti hektaara kuma 560 ol midhaan akaakuu garagaraatiin misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu dubbatan.
Sochii hanga ammaatti taasifameen lafti heektaarri kuma 300 misoome kunuunfamaa jiraachuu dubbatan.
Kunuunsa midhaanii qonnaan bultootaan taasifamaa jiru keessatti deeggarsi dhaabbilee misoomaa akka 'Care Agro'' kan fakkeenyummaan ibsamu ta'uus eeran.
Keessattuu, dhaabbatichi keemikaalota waagii, farra aramaafi dhibee mataa midhaanii gogsu akka biyyaatti dhiheessuu keessatti shoora olaaanaa kan qabu ta'uus dubbatan.
Bakka bu'aan dhaabbata 'Care Agro' Obbo Dirribaa Leellisaa gamasaaniitiin dhaabbatichi carraaqqii mootummaan omishaafi omishtummaa qonnaan bultootaa dabaluuf taasisaa jiru tumsaa jiraachuu himan.
Dhiheessiin keemikaalota farra aramaafi waagii qonnaan bultoota aanaa Sinaanaatiif taasifames kanuma bu'uura kan godhate ta'uus kaasan.
Godina Baaleetti omisha bara 2015/16tiin lafti heektaarri kuma 560 ol akaakuu midhaan garagaraatiin misoomurraa callaan kuntaala miliyeena 14 ol kan abdatamu ta'uu ragaan waajjira qonnaa godinichaarraa argame nimul'isa.