Inistiitiyuutiin ngaa kabachiisaa idil addunyaa qondaaltota loltuu olaanoo digirii lammaffaan leenjise eebbisiisasa jira

Fulbaana 12/2016 (TOI)- Inistiitiyuutiin ngaa kabachiisaa idil addunyaa qondaaltota loltuu olaanoo digirii lammaffaan leenjise eebbisiisasa jira.

Gorsaan loltummaa Shuumii eetaamaajoorii waliigalaa humnoota waraanaa fi ittigaafatamaan hooggansa dhukaasaa letenaal jeneraal Alamisheet Daggifee, itti gaafatamaan ajajaan nagaa kabachiisaa meejer jeneraal Addaamneh Mangistee, ajajaan inistiitiyuutii leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa koloneel Dammaqaa Mangistuu, tiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoo, qondaaltonni loltuu fi keessummoonni biroo sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Qondaaltota loltuu har’a eebbiufaman keessaa Itiyoophiyaan alatti qondaaltonni waraanaa olaanoo biyyoota sadii keessatti ni’argamu.

Eebbifamtoonni gosoota barnootaa qoondaaltummaa istaafii, taajjabdummaa loltummaa, wayitii walitti bu’iinsaa namoota nagaa eeguu, quunnamtii siviilii fi waraanaa, miidiyaa  ergamaa/miishinii, loojistiiksii  dabalatee barumsa nageenyii fi walitti bu’iinsi ittiin furamu hordofuunsaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015