Manneen barumsaa idileen duraa 46 baatii gannaa godina Baaleetti ijaaraman barsiisuu jalqabuuf qophii taasifaman

Fulbaana 11 /2016 (TOI) -  Manneen barumsaa Bu’ura Boruu idileen duraa 46 baatii gannaa godina Baaleetti ijaaraman barsiisuu jalqabuuf qophii taasifamuusaanii waajjirri barnootaa godinichaa ibse.

Itti aanaan ittigaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Tsaggaa Alamaayyoo akka ibsanitti, waggaa darbee kaasee godinichatti sadarkaa manneen barumsaa fooyyessuu fi ijaarsi manneen barumsaa idileen duraa walcinaa hojjetamaa turaniiru.

Godnincha naannawoota hundatti ganna dabalatee wagga darbe bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan manneen barumsaa idileen duraa Bu’ura Boruu 46 ijaaramaniiru.

Manneen barumsaa kunneen bara barumsaa kana daa’imman simatanii barsiisuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Akkasumas hojii sadarkaa manneen barumsaa fooyyessuuf hojjetameen ijaarsii fi suphaan kutaaleen barnootaa haaraa 120  akkasumas manni jireenyaa barsiisotaa 97 ijaaramuu ibsaniiru.

Dabalataanis teessoon barattootaa kuma 1 ta’anii fi kompiitaroonni 20 suphuun tajaajilaaf qophii taasifamuu dabalanii ibsaniiru.

Kun raawwatamuusaatiin bara barumsaa kana daa’imman umuriinsaanii barumsaaf qaqqabe kuma 50 simachuuf nidanda’ama jedhameera.

Galteewwan barnootaa guutuuf hirmaannaa ummataan hojiiwwan hedduun hojjetamuu eeraniiru.

Tajaajila tola ooltummaa gannaatiin hojiiwwan barumsa ilaallatan hirmaannaa ummataa fi bajata mootummaa birrii miiliyoona 560tti tilaamamuun hojjetamuusaanii ibsaniiru.

Jiraataa godinichaa aanaa Gobbaa keessaa obbo Hasan Abdallaa yaada kennaniin, manneen barumsaa idileen duraa naannawasaaniitti ijaaraman daa’imman qe’eesaaniirraa osoo hinfagaatiin akka baratan carraa uumeera.

Miseensa Koree bu’uura misoomaa barnootaa hirmaannaa ummataan mijeessuuf hundeeffamee ta’uun hojjechaa akka turan eeranii, hawaasa hirmaachisuun kutaalee barnootaa miidhaman suphuusaanii kaasaniiru.

Bara barumsaa 2016 godina Baaleetti amma ammaatti barattoonni kuma 290 fi 900 kan galmaa’an yemmuu ta’u, kana keessaa kuma 134 kan ta’an dubartoota ta’uusaanii odeeffannoon waajjira barnootaa godinicharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015