Daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Yeroo jalqabaaf Kallattiin Aljeers irraa Finfinneetti balal’ie

Fulbaana 11/2016(TOI)- Daandiin qilleensaa Aljeeriyaa Yeroo jalqabaaf Kallattiin Aljeers irraa Finfinneetti balal’ieera..

Gareen jila hooggantoota mootummaa olaanoo ministira geejjibaa Aljeeriyaa Yooseef Chaaroofiin durfamu Finfinnee dhufeera.

Gareen jilaa kun buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee watita gahu daaroktoreet jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaaddar Fissahaa Shaawul, hojii raawwachiisaan olaanaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoo, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Aljeeriyaa Mohaammad Laamnee Laabaas dabalatee hooggantoonni mootummaa biroon simataniiru.

Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1985 waliigaltee tajaajila daandii qilleensaa walii mallatteessanis waggoota dheeraaf hojiirra hin’oolle.

Haala Kanaan daandiin qilleensaa kallattii akka jiraatu waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman haala yeroo xiyyeeffannaa keessa galchuun haaromfamee hojii akka jalqabu hojjetamaa tureera.

Walitti hidhamiinsa geejjibaa fi Aviyeeshinii Itiyoophiyaa fi Aljeers jidduutti cimsuuf dhihoo kana biyyoota lamaan jidduutti waliigalamuun niyaadatama.

Daandiin qilleensaa har’a jalqabame waliigaltichi hojiirra ooluusaa agarsiisa jedhameera.

Hariiroon Itiyoophiyaa fi Aljeeriyaa kan hundeeffame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1960 keessa yemmuu ta’u, Aljeeriyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1976 ture Finfinneetti embaasii kan banatte.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015