Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse - ENA Afaan Oromoo
Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse

Fulbaana 11/2016(TOI) Biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa meeshaalee barnootaa tola ooltota addaddaarraa walitti qabe ijoollee maatiinsaanii dadhabaa ta’aniif qoodaa akka jiru ibse.
Itti aantuu ittigaafatamtuun biiroo dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa adde Samiiraa Faariis TOI’f akka ibsanitti, naannichatti daa’imman umuriinsaanii barumsaaf qaqqabee fi barattoonni barachaa jiran hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka addaan hinkunne hojjetamaa tureera.
Mata duree “dabtara darzana tokko barataa tokkoof” jedhuun baatii gannaa waajjiraalee dameerraa naannichaarraa kaasee amma aanaa, magaalaalee fi godinaaleetti sosochii taasisuun hojjetamuusaa dubbataniiru.
Caayaa dargaggootaa fi dubartootaa naannichaa, dureeyyii fi jiraataa naannichaa qindeessuun dabtara, qalamaa fi boorsaa, uffannaa fi kophee sassaabuusaa kaasaniiru.
Meeshaaleen barnootaa qaamolee addaddaarraa sassaabamee qoodamaa jiru birrii biiliyoona 1 tuqaa 9 olitti tilmaamama jedhaniiru.
Meeshaan barnootaa kun barattoota maatiinsaanii dadhabaa ta’an miiliyoon 2 oliif qoodamaa akka jiru ibsaniiru.
Daa’imman hanqina nyaataan barumsarraa akka hinhafne sagantaa nyaataa baranaa milkeessuuf biiroon kun qooda fudhattoota biroo waliin qindeessaaa akka jiru eeraniiru.
Dursaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Gadaa Roobalee magaalaa Adaamaa obbo Mindaa Raggaasaa gamasaaniin, barattoota maatiinsaanii harka qalleeyyii mana barumsichaa barataniif deeggarsi meeshaalee Barnootaa taasifameeraaf jedhan.
Daa’imman umuriinsaanii barumsaaf gahee fi ijoolleen barataa jiran dabtara, borsaa fi qalama dabalatee deeggarsa meeshaalee barnootaa addaddaa argachuusaanii ibsaniiru.
Barattoota mana barumsichaa duraanii fi dargaggoota tola ooltotarraa deeggarsi meeshaa barnootaa addaddaa taasifamuusaa dubbataniiru.