Mariin nageenyaa ummata hirmaachise magaalaa Bahaardaaritti taa’amaa jira

Fulbaana 11/2016(TOI)- Mariin nageenyaa ummata hirmaachise magaalaa Bahaardaaritti taa’amaa jira.

Mariin kun mata duree “nageenya gama hundaa egeree buusuuf tumsa qaama hundaa gaafata” jedhuun taa’amaa jira.

Walitti qabaan komaand poostii Bahaardaarii fi naannawashee Meejer Jeneraal Mulu’alem Admaasuu, hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Bahaardaar, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa biroon waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Gorsaan quunnamtii ummataa bulchiinsa magaalaa Bahaardaar obbo Gizeew Taakkalee barreeffama dhiheessaniin, rakkoo nageenyaa tureen namaa fi meeshaarratti gahuusaa ibsaniiru.

Rakkooleen kunneen karaa nagaa egereef kan furamanidha kan jedhan obbo Gizeew, akkaataa kallattii mootummaan kaa’een akka hiikaman ummata waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Nageenyaa fi misooma egeree mirkaneessuuf hirmaannaa ummataa cimsuun kaayyoo marii kanaa ta’uusaa beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015