Itiyoophiyaa iddoowwan addaddaatti bakkeewwan tuurizimii haaraa shan akka ijaarsisu ministeerri tuuriizimii beeksise - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa iddoowwan addaddaatti bakkeewwan tuurizimii haaraa shan akka ijaarsisu ministeerri tuuriizimii beeksise

Fulbaana 11/2016(TOI)- Itiyoophiyaa iddoowwan addaddaatti bakkeewwan tuurizimii haaraa shan akka ijaarsisu ministeerri tuuriizimii beeksise.
Daarektarri quunnamtii ummataa ministeerichaa doktar Alamaayyoo Geetaachoo TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan dandeettii tuuriizimii qabdu amma barbaadamu hojiirra hin oolchine.
Kanaaf mootummaan yeroo ammaa iddoowwan tuurizimii haaraa beeksisuun galii kanarraa argamu guddisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan.
Haala kanaan lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi alaa dabalaa dhufuu dubbataniiru.
Daawwattoota caalaatti baay;isuuf iddoowwan tuurizimii duraanii haaromsuu fi haaraa misoomsuun cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Haala Kanaan ministeerichi bara bajataa kanatti naannolee biyyattii addaddaa keessatti ummata qindeessuu fi madda galii barbaaduun iddoowwan tuurizimii haaraa shan misoomsuuf akka hojjetu eeraniiru.
Bakkeewwan tuurizimii misooma kunneen fuuldura akka ifooman dubbataniiru.
Hojiin bakkeewwan tuurizimii misoomsuu Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad karaa “dhihaana biyyaa” fi “dhihaana dhalootaa” hojjechaa jiran wayita xumuramu galiin Itiyoophiyaan kanarraa argattu akka guddisu dubbataniiru.