Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafi jira.

Fulbaana 11/2016(TOI):- Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafi jiraachuu Biiroon Carraa Hojii uumuufi ogummaa naannichaa beeksise.

Biirichi hojiiwwaan kalaqaafi ogummaa kolleejjetootatti hojjetamaa jiran bu'uura godhachuun leenjiftoota Interpirenershiippii 6800 gahoomsuu beeksiseera.

Hoggantoonni biirichaa leenjiftoota Interpinaarishiippii fi ogeeyyii damee kanaa biroo waliin ta'uun koolleejjii Politekinikaa Bishooftuutti hojii oomishaa gootaafi bu'aalee goga akkasumas hucuu daawwataniiru.

Itti aanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa akka ibsanitti, bara kana dargaggoota fi shamarran miiliyoona 1.6 ol ta'aniif leenjii Interpineerummaa kennameefiin qabatamaan gara hojiitti galanii jiru.

Akkasumas biirichi biiroo qonna, daldalaa fi misooma gabaa, kolleejjiiwwaniifi qooda fudhattoota biroo waliin ta'uun filannoowwaan carraa hojii jiraniifi humna dandeetti naannichaarratti qorannoo geggeessera jedhaniiru.

Carraan hojiifi filannoowwan bal’aan jiraatanis aadaan hojii dargaggootaafi hawaasaa jijjiiramuu akka qabu qorannoon taasifame mirkaneessuu eeraniiru.

Haaluma kanaan rakkoolee jiran kana furuuf Kooleejjoonni naannoo Oromiyaatti argama leenjii yeroo dheeraa caalaa leenjii ogummaafi daldalaa gaggabaaboo akka kennaniif deeggarsi taasifamaafii jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015