Hambaaleen addaddaa Maqdalaarraa saamamanii fudhataman embaasii Itiyoophiyaa Landanitti argamuuf deebifaman - ENA Afaan Oromoo
Hambaaleen addaddaa Maqdalaarraa saamamanii fudhataman embaasii Itiyoophiyaa Landanitti argamuuf deebifaman

Fulbaana 11/2016 (TOI)- Bara 1868 jabana mootii Tewoodiroos Hambaaleen addaddaa Maqdalaarraa saamamanii fudhataman embaasii Itiyoophiyaa Landanitti argamuuf deebifamaniiru.
Hambaalee deebifaman keessaa Taabota Madaanalam, rifeensaa lu’ul Aalamaayyoo, waancaawwan meetii fi naasarraa cuuphaman sadii akkasumas gaachana waraanaa bara sana waraanaaf oole keessatti argamu.
Biriitaaniyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarii Mallasee, gareen jila bataskaana Ortodoksii Itiyoophiyaa, bakka bu’aan koree biyyaalessaa hambaa deebisiisuu, miseensota paarlaamaa Biriitaaniyaa, hambaalee deebisuuf kan tumsanii fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Hambaaleen deebifaman guddina amantaa, seenaa fi aadaa Itiyoophiyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan ambaasaaddar Tafariin.
Hambaaleen Itiyoophiyaa sababa waraana Maqdalaan saamaman amma ammaatti deebi’uu dhabuun laphee fi sammuu ummata Itiyoophiyaa keessatti gaaffii ta’ee turuusaa yaadataniiru.
Hambaaleen kunneen ibsituuwwan seenaa, aadaa fi eenyummaa biyya durii tokkooti jedhan.
Hambaaleen deebifaman bakka isaaniif malu akka kaa’aman gochuuf Itiyoophiyaatti akka ergaman mirkaneessaniiru.
Miseensi koree biyyaalessaa hambaa deebisiisuu piroofeesar Aluulaa Paankirast gamasaaniin, haalli hambaaleen itti deebifaman caalaatti cimee itti fufuu qaba jedhan.
Miseensi paarlaamaa Biriitaaniyaa Loord Pool Bootiing, hambaan ibsituu eenyummaa Itiyoophiyaa durii fi seenaqabeettii ta’an akka deebifaman yaaliin taasifamaa turuu kaasaniiru.
Walharkaa fuudhuun har’aa kun sirrii ta’uu eeranii, fuuladura golahambaaleen Biriitaaniyaa hambaalee Itiyoophiyaarraa saamaman ummata Itiyoophiyaaf akka deebifaman waamicha taasisuusaanii odeeffannoon embaasichaa nimul’isa.