Nezerlaandis tumsa misoomaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsite - ENA Afaan Oromoo
Nezerlaandis tumsa misoomaa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsite

Fulbaana 11/2016(TOI)- Nezerlaandis hojiiwwan misoomaa Itiyoophiyaan hojjettuuf deeggarsa taasiftu cimsitee akka itti fuftu ministirri dhimma alaa biyyattii Haank Bruuwiinsi ibsan.
Yaa’iin waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 78ffaa Niw Yoorkitti taa’amaa jira.
Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin yaa’ii Kanaan cinaatti aanga’oota olaanoo biyyoota addaddaa akkasumas dhaabbilee idil addunyaa fi hooggantoota qaamolee deeggarsaa waliin dhimmoota tumsa biyyota lamaa, zoonii fi biyyoota hedduu irratti marii taasisuurratti argamu.
Haala Kanaan obbo Dammaqaan ministira dhima alaa Nezerlaandis Haank Bruuwiinsi waliin mari’ataniiru.
Haank Bruuwiinsi deeggarsa yaalii misoomaa Itiyoophiyaan taasiftu deeggaruu akka itti fuftuu fi mootummaan biyyasaaniis tumsa dinagdee Itiyoophiyaa waliin qabu caalaatti gabbisuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.
Dhimmoota daldalaa fi nageenyaarratti Itiyoophiyaan zoonichatti qooda murteessaa qabdi jedhaniiru.
Mootummaan Nezerlaandis hirmaannaa damee dhuunfaa dabalatee deeggarsa gama hundaa Itiyoophiyaaf taasisaa jirtu obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru.
Adeemsi nageenyaa akka itti fufu mootummaan yaaliiwwan gama hundaa taasisaa akka jiruu fi mariin biyyaalessaas qooda fudhattoonni hundi akka hirmaatan hojjechaa akka jiruministira dhimma alaa Nezerlaandiif ibsaniiru.
Akkasumas obbo Dammaqaan yaa’ii waliigalaa Dh M G cinaatti yaa’ii "Summit of the future" jedhamuun moggaafame irratti hirmaataniiru.
Haasawa yaa’icharratti taasisaniin sirna tumsaa biyyoota hedduu bakka bu’ummaa walqixxee biyyootaa mirkaneessuu akka qabu ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Obbo Dammaqaan marii taasisaniin alatti waltajjiiwwan maree hooggantoonni biyyoota addaddaa fi dhaabbileen idil addunyaa qopheessanirratti fedhii fi ejjennoo Itiyoophiyaa hubachiisuunsaanii ibsameera.