Fooramiin Biizinasii fi Invastimantii Itiyoo-Kaanaadaa Kaanaadaatti taa’ame

Fulbaana 11/2016(TOI)- Fooramiin Biizinasii fi Invastimantii Itiyoo-Kaanaadaa Kaanaad Tooroontootti taa’ameera.

Dureeyyonni biyyoota lamaanii foormii kanarratti kan hirmaatan yemmuu ta’u haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuusaanii odeeffannoon TOI’n embaasii Itiyoophiyaa Kaanaadaarraa argate nimul’isa.

Tumsa biyyoota lamaanii fi muuxannoo waliiqooduuf gumaacha akka qabu ibsameera.

Dureeyyonni Itiyoophiyaa gabaa daldalaa Kaanaadaatti carraa fi walta’iinsa akka argatan ulaa kan banudha jedhameera.

Dureeyyonni Kaanaadaa damee qonnaa, maanuufaakchariingii fi albuudaa Itiyoopiyaatti invast akka godhan fooramichi carraa akka uuma jedhe embaasichi odeeffannoo baaseen.

Hooggantoota dhaabbilee daldalaa biyyoota lamaanii foramicharratti argaman keessaa kan murtaa’an fuula dura haalli caalaatti itti beeksifaman marii walitti fufaa fi waljijjiirraa odeeffannoo gochuuf waliigaluunsaanii eerameera.

Fooramichi milkaa’inaan xumuramnuusaa kan hime embaasichi qaamota taateen kun akka milkaa’u taasisan galateeffateera.

Waljijjiirraan daldalaa Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2021እ.. 2021 doolaara miiliyoona 164 akka ture eerameera.

Kana keessaa doolaarri miiliyoona 112 oomishoota Kaanaadaan Itiyoophiyaatti ergiterraa kan argatte yemmuu ta’u doolaarri muuliyoona 52 ammoo oomishoota Itiyoophiyaan Kaanaadaatti ergiterraa galii argame ta’uun ibsameera.

Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1965 akka jalqabame odeeffannoowwan nimul’isu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015